Tuesday, 15 February 2022 14:47

Yunvarsiitii Arsiitti Kolleejjiin saayinsii Hawaasaa fi Humaanitii marii paanaalii gaggeesse

Written by
Rate this item
(0 votes)

Gurraandhala 8/2022 Kolleejjiin Saayinsii Hawaasaa fi Humaanitii wiruu dagaadina fi misooma beekumsa xabboo waliin ta’uudhaan akkaataa beekumsi ganamaa /xabboo (indigenous knowledge) beekumsa saayinsii waliin walitti hidhamuu qabu irratti qooda fudhattoota waliin marii paanaalii ta’ee jira.

Marrii paanaalii kanarratti keessummota affeeramaniin baga nagaan dhuftan jechuun haasaa kan taasisan diiniin koolleejjii Saayinsii Hawaasaa fi Humaanitii Dr Waaqoo Gadaa , beekumsi xabboo (indigenous knowledge) guddina sadarkaa harra irra geeneef bu’uura jechuudhaan dagaagina beekumsa ganamaa kanaaf humdumtuu gahee irraa eeggau akka bahatan dhaamanii jiru. Dr Waaqoon itti dabaluudhaan Yunivarsiitiin Arsii  hojiilee gama beekumsa xabboo kanaan hojjataman lafa qabsiisuuf kutannoo akka qabu eerudhaan magguddoota madda beekumsa xabboo(indigenous knowledge)  ta’an naannawa kanatti argaman itti dhiyaachuun waan isaan harkaa qaban walitti qabanii faayidaaf akka olutti qindeeuuf waadaa galanii jiru.

Dr Aadam Kadiir Itti Aanaa Pirezidaantii dhimma qorannoo fi tajaajila hawaasaa yunivarsiitii Arsii hasaa baniinsaa taasisan irraiit hojiilee kolleejjiin saayinsii hawaasaa fi humaanitii hanga yoonaatti gama beekumsa xabbootiin hojjachaa turan dinqisiifachuun fuuldurattis hojii walfakkaatu irratti gama kutaa isaanitiin deeggarsa barbachisu taasisuuf waadaa galanii jiru. Itti dabaluudhaan beekumsa xabboo (ganamaa) beekumsa hammayaa’aa waliin walitti hidhuudhaaf namni hundinuu beekumsa isa bira jiru baasee hawaasaaf gumaachuu qaba jedhanii jiru. Hawaasa kenna gama hundaan fayyadamaa taasisuudhaaf falli jiru beekumsi xabboo (indigenous knowledge) sirna barnoota biyyattii keessatti hammatamuu akka qabuu eeruun galma gahiinsa isaatiif hayyoonni sadarkaan jiran shoora irraa eeggamu akka bahatan dhaamanii jiru.

Marii Paanaalii kanarratti waraqaaleen mata dureewwan gahee beekumsi xabboo misooma itti fufiinsaaf qabu, akkaataa dubbiin gumaa fi jaarsummaan ittiin gaggeefamu, mala qorannoo beekumsa xabboo bu’ureffatee fi hariiroo beekumsi xabboo (indigenous knowledge) fi fayyaan waliin  qabuu fi haala qoricha mala aadaa ittii hammayyeessuun dand’amu irratti kan dhiyaatan yoo ta’u hirmaattonni sagantichaa waraqaalee dhiyaatan irratti yaadaa fi gaafilee qaban dhiyeessuun mariin bal’aan irratti gaggeeffamee jira.

Saganticharraattii abbootiin gadaa, hadholiin siinqee, qorattoonnii fi qooda fudhattoonni garagaraa argamanii jiru.

Read 763 times Last modified on Tuesday, 15 February 2022 14:54

Leave a comment

Make sure you enter all the required information, indicated by an asterisk (*). HTML code is not allowed.