Monday, 01 February 2021 09:36

Yuunivarsiitiin Arsii barattoota eebbisiise.

Written by
Rate this item
(0 votes)

Arsi University held a Colorful Graduation

Arsi University graduates 1959 students on 31 January 2021. The graduation ceremony began with the traditional Oromo elders blessings. The graduation was held in the presence of the honored guests from the Regional and Federal Government Officials, the Abagadas, Hada Sinkes, Religious leaders, and Community elders.

On his opening remark, the president of the University Dr. Duguma Adugna congratulates the graduates, and promised to scale up the status of the University to the level of the well-known Universities in the coming few years. Gold medals were awarded to top scorers in different field of studies, and one graduate, Gurmesa Gobena was certified for his 28 innovative works.

Yunivarsiitiin Arsii barattoota sagantaalee fi gosoota qorannoo adda addaatiin barsiisaa ture dhiira 1227 fi shamarran 732 walitti qabaan barattoota 1959 Amajjii 23 bara 2013 ALI sirna hoo’aan eebbisiisee jira. Sirna eebbaa kana irratti keessummoonni mootummaa Feederaala fi Naannoo irraa dhufan, akkasumas bakka bu’oonni waajjiraalee mootummaa fi miti mootummaa, abbootiin gadaa, haadholeen siinqee,abbootiin amantii, jaarsoleen biyyaa, maatiin barattootaa argamanii jiru.

Sirni eebba barattoota kun kan eegalame eebba maanguddootatiin yoo ta’u obboo Umar Huseen, Ministirri Ministeera Qonnaa fi walitti qabaan boordii Yunivarsiitii Arsii haasawa taasisaniin barattoonni bu’aa bahii akkuma biyyattiitti nu qunnamee ture ce’uudhan eebbaf ga’uu keessaniif baga gammaddan jedhanii jiru. Dabalataanis beekkumsa argataniin uummata akka tajaajilanii fi hirmaannaa gama maraan isaan irraa eeggamu ciminnaan akka bahan dhaamsa dabarsanii jiru.

Dr. Dhugumaa Addunyaa Pirezidaantin Yunivarsiitii Arsii haasawa taasisaniin waggoota kurnan dhufan keessatti sadarkaa Yunivarsiitichaa gama maraan guddisuufi beekkamoo taasisuufakka hojjatamu ibsanii jiru.

Sirna eebba barattootaa kanarratti barattoota eebbisaman keessaa barataa gosa qallaqoota 28tiin waraqaa argate fi sadarkaa Afrikaatti bekkumsa argateef badhaasni addaa kennameefiira. Qalaqa barataa kanaa keessaa tokko kan ta’e maashiiniin qonnaa tajaajila adda addaa kennuu danda’u kan gara omishame qonnaan bultoota adda duree ta’an shaniif kennameera.

Dhuma sirnichaa irratti barattoota gama adda addaatin, keessattuu nageenya kabajsiisudhaan hirmaannaa taasisaa turaniif badhaasni addaa yoo kennamu barattoota qabxii ol’aanaa galmeessaniif meedaaliyaa fi geebni kennameera.

አርሲ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎችን አስመረቀ፡፡

አርሲ  ዩኒቨርሲቲ በተለያዩ መርሃ ግብሮች ሲያስተምራቸው የቆየውን 1959 ተማሪዎች በዩኒቨርሲቲው ዋናው ግቢ በደማቅ  ሥነ- ስርዓት አስመርቋል፡፡ የምረቃው ሥነ ሥርዓት የተጀመረው በኦሮሞ ባህል መሠረት በሽማግሌዎች ምርቃት ነው፡፡

በምረቃ ሥነ-ስርአቱ ላይ የመክፈቻ ንግግር ያደረጉት የአርሲ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዝዳንት ዶክተር ዱጉማ ደበሌ ተመራቂ  ተማሪዎችን  እንኳን ደስ አላችሁ ካሉ በኋላ አርሲ ዩኒቨርሲቲ በሚቀጥሉት አስር አመታት በሁሉም መስክ ደረጃውን ለማሻሻልና ከታዋቂ ዩኒቨርሲቲዎች ተርታ ለመሰለፍ እንደሚሰራ ገልጸዋል፡፡ የእለቱ የክብር እንግዳ  የሆኑት የግብርና ሚንስቴር ሚንስትር አቶ ኡመር ሁሰን ባስተላለፉት መልእክት ተማሪዎች  በተማሩት የሙያ ዘርፍ ሀገራቸውንና ህዝባቸውን  በቁርጠኝነት በማገልገል የበኩላቸውን አስተዋፅኦ አንዲያበረክቱ አሳስበዋል፡፡ በተጨማሪም የተማረ የሰው ሀይል ለአንድ ሀገር እድገት  ወሳኝ  መሆኑን በመጥቀስ  የእለቱ  ተመራቂዎች  ወደፊት  የሀገር  ተረካቢ በመሆናቸው  ብዙ እንደሚጠበቅባቸውና  እራሳቸውን በትምህርት  እንዲያበቁ  አደራ ብለዋል፡

 

በሥነ ሥርዓቱ ላይ የ28 የፈጠራ ውጤቶች ባለቤት በመሆን የፈጠራ ባለቤትነት የምስክር ወረቀቶች ላለው ተመራቂ ተማሪ ጉርሜሳ ጎባና ዩኒቨርሲቲው ያዘጋጀው ልዩ ሽልማት ተሰጥቶታል፡፡ በተጨማሪም ሰላማዊ የመማር ማስተማር ሂደት እንዲካሄድ በማድረግ በኩል ከፍተኛ አስተዋጽኦ ላደረጉት ተማሪዎች ሽልማት ተሰጥቷል፡፡ በመጨረሻም በትምህርት ከፍተኛ ውጤት ላስመዘገቡ ተማሪዎች የሜዳሊያ እና የዋንጫ ሽልማት ተሰጥቷል፡፡ በምረቃ ስነ-ስርአቱ  ላይ  የፌደራልና  የክልል ከፍተኛ ባለስልጣናት ፤አባገዳዎች ፤ ሀዳ ስንቄዎች፤ የሃይማኖት አባቶች፤ የአገር ሽማግሌዎች፤ የተመራቂ ተማሪዎች ቤተሰቦች ተገኝተዋል፡፡

Read 2326 times Last modified on Wednesday, 03 February 2021 09:41

Leave a comment

Make sure you enter all the required information, indicated by an asterisk (*). HTML code is not allowed.